Luke 16:10 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Nami waan diqqo'oon addatamaa te'e waan guddoolle'een addatamaa hin te'a. Nami waan diqqo'oon hin addatanne, waan guddoolle'een hin addatamu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nama waan diqooni d'ugefatani waan guddoleeni d'ugefatani; ammalle nama waan diqooni d'arefatani waan guddoleeni d'arefatani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nama waan diqqoon dhugeeffatan waan guddoolleen dhugeeffatan; ammallee nama waan diqqoon dhaareffatan waan guddoolleen indhaareffatan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Namni waan diqqo'oon amanamaa ta'e akkasuma waan gudda'attillee amanamaa ta'a; namni waan diqqoo irratti hin amanamne, waan gudda'attillee hin amanamu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Namni waan diqqo'oon amanamaa ta'e akkasuma waan gudda'attillee amanamaa ta'a. Namni waan diqqoo irratti hin amanamne, waan gudda'attillee hin amanamu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Waan diqqo'oon naminni amaname waan gudda'aan'llee ka amaname ni ta'a, waan diqqo'oon naminni hin amanaminne garuu, waan gudda'aan'llee hin amanamu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Nami waan diqqo'oon addatamaa te'e waan guddoolle'een addatamaa hin te'a. Nami waan diqqo'oon hin addatanne, waan guddoolle'een hin addatamu.