Luke 16:15 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus ammoo isaaniin, “Isin yennaa maraa balchoota ifi gootanee ilaaltan, Waaqi ammoo waan gadhaa keessan keessa jiru dhagga, wonni nama duratti ulfaataa faakkaatee mudhatu, Waaqa duratti tuffatama'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Yesoni waan worraani jed'e, Isani worra nama durati ufi d'ugeesu, ammo Waaqi garaa keesani imbeekha; wonti akanatiifi waan nami waan guddo wo namaa baatu sehu Waaqi woma insehu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus ammoo warraan, “Isan warra nama duratti ufii dhugeessu, Waaqii ammoo garaa keessan inbeeka; wantii akkanatiif waan namii waan guddoo wa namaa baatu se'uu Waaqii homaa hinse'u.”
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni akkana isaaniin jedhe, «Isin namoota afo'otti balchaa uf gootan. Haa ta'uu ammo Rabbi waan garaa keessan keessa jiru hin beeka. Ka nama biratti kabajjame, Rabbiin biratti battii waan ta'eef.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee akkana isaaniin jedhe, «Isin namoota afo'otti qajeelaa uf gootan. Haata'uu ammoo Rabbi waan garaa keessan keessa jiru hin beeka. Ka nama biratti kabajjame, Rabbiin biratti battii waan ta'eef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni garuu akkana isaaniin ni jedhe, «Isin namoota duranatti mataa keessan qulqullaayomaa ni fakkeesitan, Waaqinni garuu onnee keessan ni beeka, nama duranatti ulfinna qaba fakkaatee ka muldhatu, Waaqaa duranatti ka jibbame.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus ammoo isaaniin, «Isin yennaa maraa balchoota ifi gootanee ilaaltan, Waaqi ammoo waan gadhaa keessan keessa jiru dhagga, wonni nama duratti ulfaataa fakkaatee mudhatu, Waaqa duratti tuffatama'a.