Luke 16:18 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Nami haadha manaa ifii lakkisee dubartii dhibii fuudhu maraa hin gaarayyeeffata. Akkasuma dubartii abbaan manaa lakkise ka fuudhu hin gaarayyeeffata” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami niiti ufi lakise ta d'ibi fuud'u ya daba tolche; nami niiti d'iirsi lakise fuud'uleeni ya daba tolche.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Namii niitii ufii lakkisee ta dhibii fuudhu ya cubbuu tolche; namii niitii dhiirssii lakkise fuudhuulleen ya cubbuu tolche” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka haadha manaa hiikee ta biraa fuudhu maruu hin seebara. Namni dubartii abbaa manaa jalaa baate fuudhullee hin seebara.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haadha manaa hiikee ka ta biraa fuudhu maruu hin seebara. Namni dubartii abbaa manaa jalaa baate fuudhullee hin seebara.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Haadha worraa isaa gad dhiisee ka dubarttii bira'aa fuudhu marrinuu ni sagaagala, akkuma kana ka dubarttii abbaa worraa isi'iitiin gad dhiifamitte ka fuudhu'llee, ni sagaagala.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Nami haadha manaa ifii lakkisee dubartii dhibii fuudhu maraa hin gaarayyeeffata. Akkasuma dubartii abbaan manaa lakkise ka fuudhu hin gaarayyeeffata.