Luke 16:24 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre inni Abrahaamiin, ‘Abbaa kiyya Abrahaam anaa nayi! Ani bobe'a ibiddaa kana keessatti guddoo waan rakkatiisatti jiruuf, Alaazaar qaccee quba ifii bisaan keessa cuuphee akka arraba kiyya anaaf qabbanneessu magane'ee naa ergi’ jedhee waammate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani lalabe waan jed'eeni, Aabbo Abrahamu, naa nahi, Lazaro nati ergi aka fiit'e quba isaa bisaani keesa kaye araba kiyya qabaneesu; anini ibida kana keesati gubachuu jira.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan lallabee, ‘Aabboo Abrahaam, naa na'ii, akka fiixee quba isaa bisaan keessa kaa'ee arraba kiyya naa qabbaneessu Alazaar natti ergi; anin ibidda kana keessatti gubachuu jira’ jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni laagaa ufii ol qabatee iyyee, ‹Abbaa kiyya Abrahaam! naa araarami! Ani amma ibidda kana keessatti gubadhee waan rakkata'aaruuf, Alaazaar akka qubaan bisaan tuqee arraba kiyya naa qabbaneessuuf yabo'oo naa ergi› jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee laagaa isaa ol qabatee iyyee, ‹Abbaa kiyya Abirahaam naa araarami! Ani amma ibidda kana keessatti gubadhee waan rakkata'aaruuf, akka Ali'aazaar qubaan bisaan tuqee arraba kiyya naa qabbaneessuuf yaboo naa ergi› jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Qoonqqa isaa'llee ol fudhatee akkana ni jedhe, ‹yaa abbaa Abrahaam! Yabo'oo garaa naa laafi! Arraba ibiddaa kana keessatti akka cimaa sarddama'aa jiraatii, qaccee quba isaa bishaaniin cuuphee, arraba kiyya akka naa qabbaneesuuf, Alaazaariin naa ergi!› »
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre inni Abrahaamiin, ‹Abbaa kiyya Abrahaam naa nayi! Ani bobe'a ibiddaa kana keessatti guddoo waan rakkatiisatti jiruuf, Alaazar qaccee quba ifii bisaan keessa cuuphee akka arraba kiyya naaf qabbaneessu maganne'ee naa ergi› jedhee waammate.