Luke 16:26 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Tana maraa irratti, akka worri asii gara keessan, worri achiille as gara keenna hin qaxxaamurre, bowwaan guddaan nu wodhakkaa jira’ jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan kana male, jiddu teennafi teesani boola guddoti jira, aka nami armaa bahe gara keesani dabru indandeenne, aka nami gara keesanileeni nuti taaku indandeenne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tana maleellee, akka namii armaa ba'ee gara keessan taakkuu hindandeenne, akka namii gara keessaniilleen nutti taakkuu hindandeenne bowwaa guddootti nuu fi isan jidduu jira’ jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan kana maraa keessatti worri asii achi gara keessan lufuu barbaadan akka hin dandeenne; worri achi jiranillee gara keenna akka hin ceene nu'uu fi isin jidduu qilee gudda'atu jira› jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Waan kana maraa keessatti asii achi gara keessan lufuuf worri barbaadan akka hin dandeenne ka achi jiranillee gara keenna akka hin ceene nuuf isin jiddu'utti qilee gudda'atu jira› jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kana maraayyuu olitti nu'uu fi isin jidduu qilee gudda'atu jira, kanaaf nu biraa gara keessan, isin biraa gara keenna'llee, ce'uuf ka danda'u eennu'llee hin jiru.›
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tana maraa irratti, akka worri asii gara keessan, worri achiille as gara keenna hin qaxxaamurre, bowwaan guddaan nu wodhakkaa jira› jedheen.