Luke 16:3 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Toowataan sun gadhaa ifii keessatti, ‘Amma goottaan kiyya toowatummaa tana ana irraa fuudhaara, maan godhu naa woyya? Hin qotadha'atti hin dande'u, hin kadhadha'atti hin fokkifadha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojattuuni kaani waan ufiini jed'e, Abbaani huji keesaa na baasa, anini maani taha? Dandae oobru inqotu, woi kad'achule inch'eera.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Hojjataan kaan ufiin, ‘Amma Abbaan hujii keessaa na baasaa, anin maan ta'a? Danda'ee oobruu hinqotu, wa kadhachuullee inceeraa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hojjataan sun garaa ufii keessatti, ‹Gooftaan kiyya hujii keessaa waan na baasuuf maal naa woyya? Lafa qotu'uuf hunna hin qabu; kadhachuullee hin saalfadha.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hojjataan sunillee garaa ufii keessatti, ‹Gooftaan kiyya hujii keessaa waan na baasuuf maal naa woyya? Lafa qotu'uuf hunna hin qabu kadhachuullee hin saalfadha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namichi sooru'llee onnee isaa titti akkana jechu'uun ni yaade, ‹amma eegaa gooftaan kiyya hujii kiyya ka soortuumma'aa irraa na geegessu'uuf, eegaa maal yoo raawwadhe naaf woyya? Qotu'uuf huminna hin qabu, hin danda'u, kadhachuun ammoo ana saalfachiisa,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Toowataan sun gadhaa ifii keessatti, ‹Amma goottaan kiyya toowatummaa tana na irraa fuudhaara, maan godhu naa woyya? Hin qotadha'atti hin dande'u, hin kadhadha'atti hin fokkifadha.