Luke 16:6 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
namichi deebisee, ‘Zayitii ejersaa okkotee dhibba’ jedhe. Maarre toowataan, ‘Galmee keeti hoo'o; ariifadhuu shantama jedhii barreessi’.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Namichi kaani waan jed'eeni, D'ebbe d'ibba toko ta d'ad'a. Jennaani inni waan jed'eeni, Tatabe tante ta irati t'aafani fuud'i, hurrisi tai, shantama t'aafi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namichii kaan deebiseefii, ‘Dhebbee dhibba tokkoo ta dhadhaa’ jedhe. Jennaan innii isaan, ‘Waraqata kankee ka irratti barreessan fuudhii, hurrisii taa'ii, shantama barreessi’ jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Innillee ‹sayitii ottee dhibbaatitu na irra jira› jedheen. ‹Galmee hoo'uu dafii taa'ii shantama jedhii mallatteessi› jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee zayitii ottee dhibbaatitu narra jira jedheen. Galmee hoo'uu dafii taa'ii shantama jedhii mallatteessi jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Inni'llee, ‹zayiitii waabaa dhibbaa tittu liqaan narra jira› jedhe, namichi sooru'llee, ‹woliigalteen mallateessite kunoot, dafii taa'iitii waabaa shantama jedhii barreessi!› jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
namichi deebisee, ‹Zayitii ejersaa okkotee dhibba› jedhe. Maarre toowataan, ‹Galmee keeti hoo'o; ariifadhuu shantama jedhii barreessi›.