Luke 16:7 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ammalle toowataan, nama liqaa goottaa isaa qabu dhibi'iin, ‘Liqaa gootta'aa meeqa qadda?’ jedhee gaafate. Namichille deebisee, ‘Qamadii daawullaa shantama ’ jedhe. Toowataan, ‘Galmee keeti hoo'o; dhibba saddeeti jedhii barreessi’ jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle inni ka d'ibiini waan jed'e, Atini gati isaa hagami qabda? Namichi kaani waan jed'eeni, Kintaala d'ibba lama ka dargaye. Inni waan isaani jed'e, Tatabe tante ta irati t'aafani fuud'i, d'ibba tokofi shantama t'aafi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammallee ka dhibiinii, ‘Atin gatii isaa hagam qabda?’ Jennaan namichii kaan, ‘Kintaala dhibba lamaa ka dargaayyee’ jedhe. Isaalleen, ‘Waraqata kankee ka irratti barreessan fuudhii, dhibba tokkoo fi jaatamaa barreessi’ jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maayessa ka biraatiinillee, ‹Ati liqaa meeqatu si irra jira?› jedheen. Innillee, ‹Qamadii qalqala dhibba› jedheen. ‹Galmee kana hoo'uu qamadii qalqala saddeettama jedhii mallatteessi› jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maayessa ka biraatiinillee, ‹Ati liqaa meeqatu sirra jira?› jedheen. Innillee, ‹Qamadii qalqala dhibba› jedheen. ‹Galmee kana hoo'uu qamadii qalqala saddeettama jedhii mallatteessi› jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Lamaffaa'llee waamee, ‹kee hoo liqaan hagam?› jedheen. Inni'llee, ‹qamadii kuntaala dhibbaa titti narra jira› jechu'uun ni deebise. Ka sooru'llee, ‹kunoot woliigalteen mallateessite! Kuntaala saddeetama jedhii barreessi!› jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ammalle toowataan, nama liqaa goottaa isaa qabu dhibi'iin, ‹Liqaa gootta'aa meeqa qadda?› jedhee gaafate. Namichille deebisee, ‹Qamadii daawullaa shantama › jedhe. Toowataan, ‹Galmee keeti hoo'o; dhibba saddeeti jedhii barreessi› jedheen.