Luke 16:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ani isinitti hima, yennaa karri teessan hobbaate, akka isaan gara mana bara baraan itti leetanuu isin fudhatanu, karra dabaa ta lafa tanaatiin fira baafadha'a!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba anini waan isaniini jed'u, Hori lafa tanatiini jaala tolfad'a, aka hojja horiini d'umate mana hegeriti isani yaamani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Anin isanitti himaa, akka yo horiin dhumate mana hegeriitti isan yaamanii, horii lafa tanaatiin jaala tolfadha!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus akkana isaaniin jedhe, kanaafuu qabeenna dharaa ka akkanaa ka adunyaa kanaatiin fira baafadhaa'a. Kana yoo gootan hennaa horiin sun isin jalaa dhumee harka duwwaa haftan; firri keessan jiruu bara baraa keessatti isin simatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus akkana isaaniin jedhe, kanaafuu qabeenna dharaa ka akkanaa ka adunyaa kanaatiin fira baafadhaa'a. Kana yoo gootan hennaa horiin sun isin jalaa dhumee harka duwwaa haftan, firri keessan jiruu bara baraa keessatti isin simatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Kanaaf qabeenna dharaa kanaan waaheloota baafadhaa isiniin jedha, kana yoo raawwattan qabeenni keessan isin jalaa dhumee harkaa duwwaa yoo hafittantti, waahellan keessan mana bara baraaf keessa jiraatantti, ufitti isin ni fudhatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani isinitti hima, yennaa karri teessan hobbaate, akka isaan gara mana bara baraan itti leetanuu isin fudhatanu, karra dabaa ta lafa tanaatiin fira baafadha'a!