Luke 17:1 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus barattoota ifiitiin, “Wonni kolbaa gufachiisu dhufuu hin dhaddu; ammoo nama guffachiisu saniif aanne'e!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba Yesoni waan jara ufitiini jed'e, Gufuuni daba keesa nama buuftu inuma d'ufti, ammo gaargala nama d'ufuuni!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus jara ufitiin, “Gufuun cubbuu keessa nama buuchu silaafuu inuma dhuftii, ammoo gaargalii kama nama dhufuunii!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus darasoota ufiitiin akkana jedhe, «Wonti nama gufachiisu tokko dhufuu hin oolu; haa ta'uu ammo nama waan nama gufachiisu fidu sanii hobbaas!
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus darasoota ufiitiin akkana jedhe, «Wonti nama gufachiisu tokko dhufuu hin oolu; haata'uu ammoo nama waan nama gufachiisu fidu sanii hobbaas!
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus barattoota isaatiin akkana ni jedhe, «Namoota gufachiisanii gara cubbu'uu titti wonittoonni gataniin, dhufuun isaanii hin hafu, garuu gufannoo cubbu'uu ka fidu nama saniif garuu, uunsha'a!
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus barattoota ifiitiin, «Wonni kolbaa gufachiisu dhufuu hin dhaddu; ammoo nama gufachiisu saniif aanne'e!