Luke 17:18 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Namicha orma kana malee, nami Waaqa galateeffatiisaaf deebi'e hin jiruu?” jedhee gaafate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Keessumicha kana male, nami deebie Waaqa galata deebisu injiru?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Keessumicha kana malee, namii deebi'ee Waaqaa galata deebisu hinjiruu?” jedhee gaafte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Nama Yihuudii hin taane ka gosa addaa kana malee ka Rabbiin galatoonfatu'uuf deebi'e tokkollee hin jiruu?» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Nama Yihuudii ka hin taane ka gosa addaa kana malee Rabbiin galateeffatu'uuf ka deebi'e tokkollee hin jiruu?» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waaqa galateeffachu'uuf deebi'ee ka dhufe, nama alaga'aa kana malee, ka bira'aa tokko'llee hin argaminne?»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namicha orma kana malee, nami Waaqa galateeffatiisaaf deebi'e hin jiruu?» jedhee gaafate.