Luke 17:20 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Worri Fariisaayotaa gariin mootummaan Waaqaa yoom akka dhuttu Yesuus gaafatane. Inni deebisee, “Mootummaan Waaqaa karaa nami eeguun hin dhuttu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Farisayooni guyya Finni Waaqa d'ufu Yeso gaafannaani inni waan jed'eeni, Finni Waaqa aka nami eeguuni ind'ufu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Fariisotii guyyaa Mootummaan Waaqaa dhuftu Yesus gaafannaan innii, “Mootummaan Waaqaa akka namii eeguun hindhuftu,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Fariisonni «Jeennanni Rabbii yoom dhufti» jedhanii hennaa isa gaafatan. Inni deebisee, «Jeennanni Rabbii akka namni eeguun hin dhuftu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Fariisonnillee jeennanni Rabbii yoom dhufti jedhanii hennaa isa gaafatan. Inni deebisee, «Jeennanni Rabbii akka namni eeguun hin dhuftu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Worri Fariisonni Yesusiin, «Mootummaan Waaqaa yoom dhuftti?» jechu'uun, ni gaafataniin, inni'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Mootummaan Waaqaa ka dhufittu bifa namoonni qophaayanii eegganiinii miti,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri Fariisaayotaa gariin mootummaan Waaqaa yoom akka dhuttu Yesuus gaafatane. Inni deebisee, «Mootummaan Waaqaa karaa nami eeguun hin dhuttu.