Luke 17:22 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba inni barattoota ifiitiin, “Yennaan isin guyyoota Ilma Namaa keessaa, guyyaa tokko dhaggiisaaf halchitanu hin dhutti, ammoo hin dhaggitanu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani inni waan jara ufiitini jed'e, taka tana isani guyya toko ka bara Ilmi Nama lafa jiru kaani argu feetani d'araatani, ammo inargitani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan innii jara ufiitiin, “Eegii tanaa guyyaan tokko ka isan bara ilmii namaa lafa jiru kaan arguu feetanii dharraatan, indhufa; ammoo hinargitan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa inni darasoota ufiitiin, «Hennaan isin guyyaa Ilma Namaa tokko argu'uuf hawwitan hin dhufa; isin garuu hin argitan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayessa inni darasoota ufiitiin, «Hennaan isin guyyaa Ilma Namaa tokko argu'uuf hawwitan hin dhufa, isin garuu hin argitan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Itti aansee'llee Yesus barattoota isaatiin akkana ni jedhe, «Guyyoota Ilma Namaa keessaa tokko argu'uuf guyyaan itti hawwitan ni dhufa, garuu hin argitan.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba inni barattoota ifiitiin, «Yennaan isin guyyoota Ilma Namaa keessaa, guyyaa tokko dhaggiisaaf halchitanu hin dhutti, ammoo hin dhaggitanu.