Luke 17:27 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Haga guyyaa Nohi hoboloo guddo'otti galuutitti, kolbaan nyaataa unaa, fuudhaa heerumaa turte, bisaan badi'iille dhufee isaan maraa balleesse.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafasi haga guyyaani Nuhuni hobolo seene lolaani d'ufe worra ch'ufa balleese gahuti, nyaatani d'ugani wolfuud'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gaafas haga guyyaan Nohi hoboloo seenee lolaan dhufee warra cufaa balleesse ga'uutti, nyaatanii, dhuganii, walfuudhan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga guyyaa Nohi markaba seenuutitti namoonni nyaata'aa, dhuga'aa, fuudha'aa heeruma'aa turan. Bisaan badi'ii dhufee maraa balleesse.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haga guyyaa Nohi markaba seenuutitti namoonni nyaata'aa, dhuga'aa, fuudha'aa heeruma'aa turan. Bisaan badi'ii dhufee maraa balleesse.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Haga guyyaa Noohi gara dooni'ii aseenee titti namoonni uduu nyaata'aatii fi uduu dhugan, uduu fuudha'aatii fi wolitti fuusisan'llee ni turan, yeroo sanitti bishaan balleessa'aa dhufeeti, irra garagaleeti mara isaaniituu ni balleese.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Haga guyyaa Nohi hoboloo guddo'otti galuutitti, kolbaan nyaataa unaa, fuudhaa heerumaa turte, bisaan badi'iille dhufee isaan maraa balleesse.