Luke 17:28 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Bara Looxiille akkuma kana te'e; kolbaan nyaataa unaa, bitataa gurgurataa, midhaan dhaabaa, ijaarrataa turte.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akuma bara Lutu taati — nyaatani d'uugani, bitatani gurguratani, oobraatani mana ijaaratani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akkuma bara Looxii ta'e ta'a; adoo nyaatanii, dhuganii, bitatanii, gurguratanii, oobraatanii, mana jaaratanuu,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkuma bara Looxii ta'e nyaata'aa, dhuga'aa, bitata'aa gurgura'aa, midhaan facaafata'aa, manallee ijaarata'aa turan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkuma bara Looxii ta'e nyaataa, dhugaa, bitata'aa gurgura'aa, midhaan facaafata'aa, manallee ijaarata'aa turan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kana ammoo akkuma bifa bara Looxii titti ta'een ni ta'a, yeroo sanitti namoonni uduu nyaatanii fi uduu dhugan, uduu bitanii fi uduu gurguran, biqilttuu uduu dhaabanii fi mana'llee uduu ijaaran ni ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Bara Looxiille akkuma kana te'e; kolbaan nyaataa unaa, bitataa gurgurataa, midhaan dhaabaa, ijaarrataa turte.