Luke 17:31 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Guyyaa san nami mana gubbaa jiru, ka meyi isaa mana keessa jiru, fudhatiisaaf gad bu'ee gara manaa hin deebi'in.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyya suni, nami mana gubba jiru, ka mihi isaa mana keesa jiru, gadi bue inguuratiini; akasuma nami oobru keesa jiruleeni indeebiini.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Guyyaa sun, namii mana gubbaa jiru, ka ammoo mi'ii isaa mana keessa jiru, gad bu'ee hinguurratin; akkasuma namii oobruu keessa jiruulleen hindeebi'in!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Guyyaa san namni gamoo gubbaa jiru mi'a ufii ka mana keessa jiru fudhachu'uuf gad hin bu'in. Akkasuma namni qonna keessa jiru gara mana ufii hin deebi'in.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Guyyaa san namni gamoo gubbaa jiru mi'a isaa ka mana keessa jiru fudhachu'uuf gad hin bu'in. Akkasuma namni qonna keessa jiru gara mana ufii hin deebi'in.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Guyyaa sanitti naminni baaxii mana isaa irra jiru meeshaa mana keessa jiru fudhachu'uuf hin bu'in, naminni bakka qonnaa jiru'llee, gara mana isaa hin deebi'in.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Guyyaa san nami mana gubbaa jiru, ka mey isaa mana keessa jiru, fudhatiisaaf gad bu'ee gara manaa hin deebi'in.