Luke 17:37 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Barattooti isaa, “Gootta'a, eessatti?” jedhanee gaafatane. Yesuus deebisee, “Addee reeffi jirutti allaatiin yaati” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jari isaa waan jed'eeni, Aabbo, fullaani suni eesa? Inni waan jed'eeni, Allaatiini fulla reefi jiruti buuti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jarii isaa, “Aabboo, fulaan sun eessa?” jedhee gaafanaan innii, “Allattiin fulaa reefii jiruutti buuti” jedhee deebiseef.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan deebisanii, «Gooftaa keenna! Garamitti?» jedhanii isa gaafatan. Inni akkana jedhee isaanii deebise, «Bakka randhi jirutti rumichi wol gaya.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaanillee deebisanii, «Gooftaa keenna! Garamitti?» jedhanii isa gaafatan. Innillee, «Bakka randhi jirutti rumichi wolgaya» jedhee isaanii deebise.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Barattoonni isaa'llee Yesusiin, «Yaa Gooftaa, garamtti ka fudhataman?» jechu'uun, ni gaafataniin. Inni'llee, «Raqinni bakka jirutti rumichoonni wol ni gayan» jechu'uun isaanii ni deebise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Barattooti isaa, «Gootta'a, eessatti?» jedhanee gaafatane. Yesuus deebisee, «Addee reeffi jirutti allaatiin yaati» jedhe.