Luke 17:4 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Guyya'atti yennaa torba si yakkee, guyya'atti yennaa torba deebi'ee gara keeti dhufee, ‘Ani yakka irraa deebi'eera’ yoo si'iin jedhe isaaf araaram” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo inni guyya toko keesa maro torba siti dabe ammo maro torba, Na araarami siini jed'e, araaramiifi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo innii guyyaa tokko keessatti marroo torba sitti cubbame marroo torbaanuu, ‘Naa araaram’ siin jedhe, araaramiif” jedhe
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni guyyaa keessa hennaa torba yoo si yakke, guyya'atti hennaa torba deebi'ee gara kee dhufee, ‹Gaabbee yoo dhiifama si gaafate› dhiisiif.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Inni guyyaa keessa hennaa torba yoo si yakke, guyya'atti hennaa torba deebi'ee gara kee dhufee, ‹Gaabbee yoo dhiifama si gaafate› dhiisiif.»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Guyyaa keessatti yeroo torbaa yoo si miidhee fi guyyaa keessatti'llee yeroo torbaa gara kee dhufa'aa, ‹balleessaa kiyyatti gaabbee jira› yoo siin jedhe, dhiifama taasisiif.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyya'atti yennaa torba si yakkee, guyya'atti yennaa torba deebi'ee gara keeti dhufee, ‹Ani yakkaa irraa deebi'eera› yoo si'iin jedhe isaaf araaram» jedhe.