Luke 17:6 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Goottaan deebisee, “Dhugeeffannaa haga midhaan sanaafici'ii geettu adoo qabaattanee, qilxaa kanaan, ‘Hiddaan buqqa'ii abbaayaa guddoo keessatti dhaabami!’ yoo jettane, innille isiniif hin ajajama” jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aabbooni waan jed'eeni, Yo sila d'ugefacha haga mid'aani dambi toko qabaattani, oda kanaani, Hiddaani armaa buqai, galaana keesa ufi d'aabi, jettani, duuba inni intaha.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Aabboon, “Yo silaa dhugeeffachaa haga midhaan dambii tokko qabaattanii, odaa kanaan, ‘Hiddaan armaa buqqa'ii, galaana keessa ufi dhabi!’ jettan, duuba innii isaanii in ajajama” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gooftaan akkana isaaniin jedhe, «Amantii diqqoo haga gumaa heexo'oo geettu uduu qabaattanii odaa kanaan, ‹Buqqa'ii gara galaanaatitti darbam› yoo jettan silaa isinii ajajama.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gooftaanillee akkana isaaniin jedhe, «Amantaa diqqoo haga gumaa sanaaficii geettu uduu qabaattanii odaa kanaan, ‹Buqqa'ii gara galaanaatitti darbami› yoo jettan silaa isinii ajajama.»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gooftaan Yesus'llee, «Amantii firii suuniffa'aa gayu uduu qabaattaniit, muka harbbu'uu kanaan, ‹asii buqa'iitii garba ciisaa keessatti dhaabadhu!› yoo jettaniinii, isiniif ni ajajama» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Goottaan deebisee, «Dhugeeffannaa haga midhaan sanaafici'ii geettu adoo qabaattanee, qilxaa kanaan, ‹Hiddaan buqqa'ii abbaayaa keessatti dhaabami!› yoo jettane, innille isiniif hin ajajama» jedheen.