Luke 18:16 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus ammoo ijoollee gara ifii waamee, “Mootummaan Waaqaa ta worra akka kanaa waan teeteef, lakkisa'a, ijoolleen gara kiyya dhuttuu ti, hin dhooggina'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Yesoni ufiti yaame waan jed'eeni, Ijoolleeni ha nati d'uftuuti, ind'owiina; wonti akanatiifi Finni Waaqa ka ijoolle akana tana.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus ammoo ijoollee ufiitti yaamee, “Ijoolleen ha gara kiyya dhuftuutii, hindhowwinaa, Mootummaan Waaqaa ta warra akka ijoollee tanaa jiruutii.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus ammo daa'imman gara ufii waamee, «dhiisaa hin dhoogginaa, daa'imman gara kiyya haa dhufanii, Jeennanni Rabbii worra akkanaa kanniiniif waan ta'eef.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus ammoo daa'imman gara ufii waamee, daa'imman gara kiyya akka dhufan dhiisa'aanii hin dhoogginaa'a, Jeennanni Rabbii worra akkanaa kanniiniif waan ta'eef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus garuu daa'imman gara isaa waamee akkana ni jedhe, «Mootummaan Waaqaa isaan akkanaa kanniiniif waan ta'eef, daa'imman gara kiyya haa dhufan, isaan hin dhooginaa
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus ammoo ijoollee gara ifii waamee, «Mootummaan Waaqaa ta worra akka kanaa waan teeteef, lakkisa'a, ijoolleen gara kiyya dhuttuu ti, hin dhooggina'a.