Luke 18:2 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Abbaan mura'aa ka Waaqa hin sodaanne, ka namalle hin ulfeessinne tokko qachaa tokko keessa jira.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan jed'e, Dira toko keesa nama dubbi qoru tokoti jira ka Waaqafi namale insodaanne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Nama dubbii qoru tokkotti ka Waaqaa fi namaallee hinsodaanne dira tokko keessa jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Qachaa takka keessa «Abbaan seeraa ka Rabbiin hin sodaanne, ka namallee hin kabajjine tokkotu jira.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Qachaa takka keessa «Abbaan seeraa ka Rabbiin hin sodaanne, ka namallee hin kabajjine tokkotu jira.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Magaalaa tokko keessatti Waaqa ka hin sodaanne, nama'llee ka hin saalfanne abbaa seeraa tokkotu jira ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Abbaan mura'aa ka Waaqa hin sodaanne, ka namalle hin ulfeessine tokko qachaa tokko keessa jira.