Luke 18:22 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus yennaa kana dhage'e namichaan, “Ammalle wonni godhuu malte tokkochi hafeera. Waan qaddu duudii gurguriitii hiyyeeyyi'iif qoodi, ol-gubba'atti hin duroonta; achiin duuba kooyiitii na hordof!” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni akasi d'ageennaani waan isaani jed'e, Waan toko fitate; waan atini qabdu ch'ufa gurguri, hiyyeeyi qoodi, duuba hori gubba argatta, duuba deebii, na gula kooti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus tana dhageennaan namichaan, “Ammallee waan tokkootti sirraa fittatee, waan qabdu cufaa gurgurii, hiyyeeyyii qoodi, gubbaa horii argattaa, duuba deebi'ii, na gula kootti!” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus waan kana dhagayee, «Ammallee waan tokkotu si hafa. Waan qabdu maraa gurguriitii hiyyeeyyi'ii kenni; Sami'itti hin duroomtaa; koottuu na faana deemi!» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee waan kana dhagayee, «Ammallee waan tokkotu si hafa. Waan qabdu maraa gurguriitii hiyyeeyyi'ii kenni, Sami'itti hin duroomtaa. Koottuu na faana deemi!» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus kana yeroo dhagayetti namichaan, «Eegasuu amma'llee waan tokko raawwachu'utu si hafa, waan qabddu maraa gurgurii qarshii hiyeessotaaf kenni, sami'itti qabeenna kuufame ni argatta, achiin duubatti'llee koottuutii ana horddofi!» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus yennaa kana dhage'e namichaan, «Ammalle wonni godhuu malte tokkochi hafeera. Waan qaddu duudii gurguriitii hiyyeeyyi'iif qoodi, ol-gubba'atti hin duroonta; achiin duuba koyiitii na hordof!» jedhe.