Luke 18:3 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Haati hiyyeessaa ta yennaa yenna'aan gara isaa deddeebi'aa, ‘Falmataa kiyya irratti muraa qajeelaa anaaf muri’ jedhaa itti boottu takkalle qachaa san keessa jirti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle dira suni keesa niiti hiyyeeti tokoti jira, ta guyya ch'ufa gara isaa d'at'e, Nama tokoti na dabse, dubbi tana na ilaali jettuuni.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammallee dira sun keessa niitii hiyyeettii tokkotti jira, ta guyyaa cufaa gara isaa dhaxxee, ‘Nama tokkootti na dabsee, dubbii tana naa laali’ jettuun.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Qachaa san keessa haadha hiyyeessaa takkatu jira. Isiin gara isaa dhuftee, ‹Falmii kiyya ka namaan wol himanne san naa murteessi› jedha'aa turte.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Qachaa san haadha hiyyeessaa takkatu jira. Isiinillee gara isaa dhuftee, ‹Falmii kiyya ka namaan wol himane san naa murteessi› jedha'aa turte.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Haati hiyyeessaa takka'llee magaalaa san keessa ni jiraatti ture, isiin'llee gara abbaa seeraa dhufa'aa, ‹falmmii mormmataa kiyya woliin qabu'uuf murtii naa kenni!› ni jettiin ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Haati hiyyeessaa ta yennaa yenna'aan gara isaa deddeebi'aa, ‹Falmataa kiyya irratti muraa qajeelaa naaf muri› jedhaa itti boottu takkalle qachaa san keessa jirti.