Luke 18:31 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus barattoota kudhanii lamaan maddi'itti fuudhee, “Kunoo gara Yerusaalemii ol bayaarra, marroo Ilma Namaatiif ta raagotaan barreeffante maraa hin muummotti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni jara kud'ani lamaanu yaame waan jed'eeni, Nu Yerusalemuti olqabanna, duuba wonti ch'ufti ta raagooti waan Ilma Nama t'aafte inguutamti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus jara kudhanii lamaanuu kophaatti yaamee, “Nu Yerusaalemitti olqabanna, duuba wantii ilma namaa ka raagootii barreesitte cuftii inguutamti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus darasoota kudha lamaanuu gara ufii waamee, akkana isaaniin jedhe, «Amma gara Yerusaalemii deemna; wonti Ilma Namaa ka raattotaan barreeffame maruu hin raawwatama.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus kudha lamaanuu gara ufii waamee, akkana isaaniin jedhe, «Amma gara Yeruusaalemii deemna wonti Ilma Namaa ka raattotaan barreeffame maruu hin raawwatama.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus barattoota isaa kudha lamaan gara isaa dhiyeessee, akkana isaaniin ni jedhe, «Kunoo! Gara Yerusaalemii deemuu keenna, waayeen Ilma Namaa nabiyyootaan ka barreeffame marrinuu, achitti ni raawwatama.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus barattoota kudhanii lamaan maddi'itti fuudhee, «Kunoo gara Yerusaalemii ol bayaarra, marroo Ilma Namaatiif ta raagotaan barreeffante maraa hin muummotti.