Luke 18:34 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Barattooti ammoo waan kana keessaa womaa hin hubanne. Hiikkaan dubbii sanii isaan duraa waan dhokatteertuuf waan Yesuus dubbate hubatiisaaf hin dandeenne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo worri waan kana diqoole inhubanne, jecha kana worra d'ossani, waan Yesoni jed'e worri imid'afanne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii ammoo waan jecha kana warra dhossaniif waan kana keessaa tokkoollee hinhubanne, dubbii Yesus dubbateellee hinbeenne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan ammo waan kana maraa keessaa tokkollee hin hubanne. Hiikkaan dubbii sanii waan isaan jalaa dhokatee tureef wonti inni dubbate sun isaanii hin galle.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan ammoo waan kana maraa keessaa tokkollee hin hubanne. Hiikkaan dubbii sanii isaan jalaa waan dhokatee tureef wonti inni dubbate sun isaanii hin galle.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Barattoonni isaa garuu waan kana mara keessaa tokko'llee hin hubanne, dhossaan haasaya isaa'llee isaan jalaa dhokatee waan jiruuf, maal jechuu isaa akka ta'e hin beekinne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Barattooti ammoo waan kana keessaa womaa hin hubanne. Hiikkaan dubbii sanii isaan duraa waan dhokatteertuuf waan Yesuus dubbate hubatiisaaf hin dandeenne.