Luke 18:7 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Waaqille worra isaaf filame ka halkanii fi guyyaa gara isaa iyyuuf hin muruu ree? Isaan gargarsaaf hin hancaaraa?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaqi jara inni fohate, ka halkani guyya isa yaamatu, indubbatufi? Inni hurrise inqarqaaru?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waaqii warra ufii foohate, ka halkaanii guyyaa isa yaammatu, hindubbatuufii? Innii hurrisee hinqarqaaruu?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi ammo worra isaaf filataman ka halkanii fi guyyaa gara isaa iyyaniif murtii qajeelaa hin murteessuufii ree?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Rabbi ammoo worra isaaf filataman ka halkanii fi guyyaa gara isaa iyyaniif murtii qajeelaa hin murteessuufii ree?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waaqinni eegaa, halkanii fi guyyaa iyya'aa ummata isa kadhatan, isaatiif hin murtteessuu ree? Shilla jechu'uun hoo gargaarssa isaa isaan, irraa ni tursiisaa ree?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqille worra isaaf filame ka halkanii fi guyyaa gara isaa iyyuuf hin muruu ree? Isaan qarqaariisaaf hin hancaaraa?