Luke 18:8 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ani isinitti hima, dafee isaaniif hin mura. Te'uu malee, Ilmi Namaa yennaa dhufu dhugeeffannaa lafa irratti hinuma dhaggaa laati?” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan anini isaniini jed'u, Inni hurrise d'uga worraa qora. Ammo Ilmi Nama, yo d'ufe, d'ugefacha lafati arga?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin isanitti himaa, innii hurriseetti dhugaa warraa qora. Ilmii namaa ammoo yo dhufee, dhugeeffachaa lafaatti argaa?” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani isinitti hima, inni dafee murteessaaf. Haa ta'uu ammo, Ilmi Namaa hennaa dhufu amantii lafa irratti argaa laata?» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ani isinitti hima, inni dafee murteessaaf. Haata'uu ammoo, Ilmi Namaa hennaa dhufu amantaa lafa irratti argaa laata?» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Uduu hin turin dadafaan isaanii ni murtteessa isiniin jedha. Garuu Ilmi Namaa yeroo itti dhufutti, arddii irratti amantii ni argata laata?»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani isinitti hima, dafee isaaniif hin mura. Te'uu malee, Ilmi Namaa yennaa dhufu dhugeeffannaa lafa irratti hinuma dhaggaa laati?» jedhe.