Luke 19:14 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Kolbaan biyya isaa ammoo isa jibbitee, ‘Namichi kun akka mootii keenna te'u nuuti hin barbaannu’ jettee ergantoota isa faana ergite.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo nami lafa suni isa jibbe, d'aamsa isa gula ergani waan jed'ani, Aka nami kuni hayyu keenna tahu nu imfeenu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii lafa sunii ammoo isa jibbee, ‘Akka namii kun hayyuu keenna ta'u nu hinfeenu’ jedhee jaarrolee faana isaa erge.”
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri biyyaa ammo waan isa jibbaniif, ‹Kun akka nu irratti mooyu hin jaalannu› jedhanii worra dhaamsa isatti himu isa faanaa ergan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worri biyyaa ammoo waan isa jibbaniif, ‹Kun akka nurratti mooyu hin jaalannu› jedhanii worra dhaamsa isatti himu isa faanaa ergan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namoonni biyyaa garuu ni jibbaniin waan tureef, naminni kun nu'u irratti nugusa akka ta'uuf hin barbaannu jechu'uun, eega inni deemeen duubatti namoota ni ergan.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaan biyya isaa ammoo isa jibbitee, ‹Namichi kun akka mootii keenna te'u nuuti hin barbaannu› jettee ergantoota isa faana ergite.