Luke 19:15 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Nami ulfinnaa sun mootii te'een duuba deebi'ee dhufe. Achiin duuba, beesee inni kenneen daddalanee, bu'aa isaan buufatane beekiisaaf tajaajiltoota ifii waansise.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni hayyuma ufi fud'ate, gallaani hojattu taani ta hori iti kenne yaame, aka waan daldalaniini argatani ilaalu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Innii hayyummaa ufii fudhatee gallaan, waan daldalee warrii argate laluuf hojjattoota horii itti kenne taan yaame.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Inni mootii ta'ee deebi'ee haga dhufeen maayessa hojjattoota saantibii worqi'ii itti kenne sanniiniin daldalatanii bu'aa hagamii akka argatan beeku'uuf waamsise.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Innillee Mootii ta'ee deebi'ee haga dhufeen maayessa hojjattoota saantibii worqi'ii itti kenne sanniiniin daldalatanii bu'aa hagamii akka argatan beeku'uuf waamsise.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Naminni sun nugusa ta'ee yeroo deebi'etti, qarshii isaanitti kennameen daldalanii hagam akka buufatan beeku'uuf, tajaajilttoota qarshii isaanitti kennee ture, ni waamisise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Nami ulfinnaa sun mootii te'een duuba deebi'ee dhufe. Achiin duuba, beesee inni kenneen daddalanee, bu'aa isaan buufatane beekiisaaf tajaajiltoota ifii waansise.