Luke 19:44 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Bara Waaqi itti si fayyisiisaaf dhufe waan hin beenneef, si'ii fi ijoollee teeti ta dalleyya keeti keessa jirtu ijjumaa hin balleessan. Dhakaa tokkochalle wol irratti si'iif hin lakkisanu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Irreeni lafa si buusani, siifi ijoolle tantele, duuba d'akha kanke kana tokole woli irati inhambisani, waan atini guyya Waaqi d'ufe si baasu imbeenneefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waan atin guyyaa Waaqii dhufee si baasuu hinbeenneef, nyaaphii kankee sii fi ijoollee tantee ta si keessa jirtuullee irreen lafa isan harcaasa, duuba dhakaa kankee kana tokkoollee walirratti hinhambisan” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Si'ii fi ijoollee tee ta si keessa jiraatan gad darban; dhagaa dhagaa irra jirullee si keessatti hin dhiisan; ati waan bara Rabbi si fayyisu'uuf dhufe hin beenneef.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Siif ijoollee tee ta si keessa jiraatan gad darban, dhakaa dhakaa irra jirullee si keessatti hin dhiisan, ati waan bara Rabbi si fayyisu'uuf dhufe hin beenneef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Si'ii fi si keessa'llee worra jiran ijoollee kee'llee, lafa irratti kuffiseenii ni dhabamisiisan, uduu hin diigamin ka hafu dhagama tokko'llee bakkatti si hin dhiisan, kun'llee ka ta'u Waaqinni si itti fayyisu'uuf yeroo itti dhufu, beekuu dhabuu keetiin.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Bara Waaqi itti si fayyisiisaaf dhufe waan hin beenneef, si'ii fi ijoollee teeti ta dalleya keeti keessa jirtu ijjumaa hin balleessan. Dhakaa tokkochalle wol irratti si'iif hin lakkisanu» jedhe.