Luke 19:47 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus guyyaa mara Galma Waaqaa keessatti barsiise. Moototi hayyootaa, barsiisoti Seeraatii fi sooressitooti kolba'aa isa ijjesiisaaf barbaadane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni guyya ch'ufa mana Waaqa keesati barsiisuu jira. Qaalole gugurdofi jara Seera beekhufi jaaroleeni gugurdoleeni kara isaani ijeesani barbaadani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii guyyaa cufa Mana Waaqaa keessatti barsiisa. Qaallolee gugurdoo fi jara seera beekuu maanguddoota biyya ida'atanii karaa isaan ijjeessan barbaadan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guyya guyya'aan mana woyyuu keessatti barsiisa'aa ture. Haa ta'uu ammo bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee isa ajjeesu'uuf soqa'aa turan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Guyya guyya'aan mana woyyuu keessatti barsiisa'aa ture. Haata'uu ammoo bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee isa ajjeesu'uuf soqa'aa turan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee guyyama guyya'aan Mana Waaqeffanna'aa titti ni barsiisa ture, itti gaafatamoonni qeesotaatii fi barsiisonni seeraa, kuunniin'llee dursitoonni ummataa, isa ajjeesu'uuf ni barbaadan turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus guyyaa mara Galma Waaqaa keessatti barsiise. Sooreyyiin hayyootaa, barsiisoti Seeraatii fi sooressitooti kolba'aa isa ijjeesiisaaf barbaadane.