Luke 19:48 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Te'uu malee, kolbaan martinuu yaada guutu'uun dubbii isaa dhage'iisatti waan jirtuuf isa wo godhiisaaf karaa hin dhagganne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo waan isa tolchani d'abani, maro nami ch'ufti dubbi isaa gurra tokooni ch'aqaseefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo marroo namii cuftii dubbii isaa gurra tokkoon caqasuu jiruuf waan isa tolchan dhaban.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ta'ullee namoonni maruu yaada tokkoon waan inni dubbatu waan caqasa'aa turaniif isaan karaa isa ajjeesaniin hin arganne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ta'ullee, Namoonni maruu yaada tokkoon waan inni dubbatu waan caqasa'aa turaniif, isaan karaa isa ajjeesaniin hin arganne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu namoonni marrinuu waan Yesus dubbatu dhagayu'uuf barbaadu'uun, onneen isaan booji'amee waan turaniif, namoonni isa ajjeesu'uuf barbaadanii, womaayyuu raawwachu'uuf hin dandeenne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Te'uu malee, kolbaan martinuu yaada guutu'uun dubbii isaa dhage'iisatti waan jirtuuf isa wo godhiisaaf karaa hin dhagganne.