Luke 19:5 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus addee san yennaa geye, ol ilaalee, “Zakkewoos, adha mana keeti ooluun waan naa maleef, dafii gad bu'i” jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni achi geennaani gubba olmillate isa arge waan jed'eeni, Zakayo, hurrisi gadi bui, anini arra mana kanke oolu male.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus achi geennaan gubbaa olmillatee isa argee, “Zakewos, hurrisii gad bu'i, anin ardha mana kankee ooluu malee!” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus haga hulee san gaye ol jedhee laalee argee, «Zakkewoos! adha mana kee ooluu waan barbaaduuf dafii gad bu'i» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus haga hulee san gaye, ol jedhee laalee argee, «Zakiwoos, adha mana kee ooluu waan barbaaduuf dafii gadi bu'i» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee gara bakka sanii yeroo gayetti ol jedhee laaleeti Zakkiwoosiin, «Yaa Zakkiwoos! Adha mana kee ooluun narraa malaatii, dadafiitii muka irraa bu'i!» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus addee san yennaa geye, ol ilaalee, «Zakkewoos, adha mana keeti ooluun waan naa maleef, dafii gad bu'i» jedheen.