Luke 19:9 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus isaan, “Namichi kunille ilma Abrahaamii waan te'eef, adha fayyinni mana kanaaf dhufeera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan jed'eeni, Arra baafami la mana kana d'ufe, waan innileeni ilma Abrahamutiifi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus deebiseefii, “Waan atin ilma Abrahaam taateef ardha baafamii la mana kana dhufe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus ammo, «Innillee waan ilma Abrahaamii ta'eef, adha mana kanaaf fayyinni ta'eera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus ammoo, «Innillee ilma Abrahaamii waan ta'eef, adha mana kanaaf fayyinni ta'eera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee akkana ni jedhe, «Naminni kun ammoo fiixaa Abrahaamiitii adha fayyinni mana kanaaf ta'ee jira,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus isaan, «Namichi kunille ilma Abrahaamii waan te'eef, adha fayyinni mana kanaaf dhufeera.