Luke 2:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ergantooti Waaqaa ta ol-gubba'aa hedduun erganticha Waaqaa san woliin dedhuma mudhatanee,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani malaika suni woliini duuli malaika hedduuni tassa d'ufe, Waaqa guddise waan jed'e:
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan ergamaa sun waliin duulii ergamtoota Waaqaa hedduun tassa dhufee Waaqaa guddisee,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maleekkonni sami'ii hedduu Maleekkaa Rabbii san woliin dimmaa mudhatanii,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maleekkonni sami'ii hedduu Maleekkaa Rabbii san woliin dimmaa mudhatanii, «Samii irratti ulfinni Rabbiif lafa irratti nageenni namoota inni jaalatuuf haa ta'u» jedhanii Rabbiin galatoonfatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dimmaa'llee maleyikkoonni baayi'een sami'ii maleyikkichaan woliin ni mulidhatan, Waaqa'llee galateeffachu'uun,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ergantooti Waaqaa ta ol-gubba'aa hedduun erganticha Waaqaa san woliin dedhuma mudhatanee,