Luke 2:15 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ergantooti Waaqaa tissitoota lakkisanee gara ol-gubba'aa deebi'aneen duuba, tissitooti, “Ka'aa mee, gara Beeteleemii dhandhee, waan te'e kana, ka Goottaan nu'utti hime ilaallaa!” woliin jedhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Malaikaani kaate gubbati oldachaate jennaani tissituuni waan woliini jette, Beena, haga Bethlehemu nuu yaasa, waan Waaqi nu beesise ka tahe kana laalla.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ergamtootii warra biraa yaatee gubbaatti oldachatee jennaan tissituun, “Beenaa, haga Betlihem nu yaasaa, waan Waaqii nu beessise ka ta'e kana laallaa” waliin jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa Maleekkonni isaan biraa fooyamanii gara sami'ii ol bayan tissoonni, «Ka'aa mee gara Beeteliheemii dhandhee, waan ta'e kana ka Gooftaan nutti hime laallaa!» woliin jedhan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa Maleekkonni isaan biraa fooyamanii gara sami'ii ol bayan, tissoonni, «Ka'aa mee, gara Beeteliheemii dhandhee, waan ta'e kana, ka Gooftaan nutti hime laallaa!» woliin jedhan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Maleeyikkoonni'llee isaan irraa fooyamanii gara sami'ii yeroo bayanitti, tissitoonni ufii isaaniitii, «Eegaa gara Beetelihemii haa deeminnu, waan amma raawwatamee fi ka Gooftaan nuuf ibise'llee haa laalluu» woliin jedhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ergantooti Waaqaa tissitoota lakkisanee gara ol-gubba'aa deebi'aneen duuba, tissitooti, «Ka'aa me, gara Beeteelemii dhandhee, waan te'e kana, ka Goottaan nu'utti hime ilaallaa!» woliin jedhane.