Luke 2:16 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre isaan ariifatanee dhaqanee, Maariyaamii fi Yoseef, daa'imalle goongaa keesssa irkateeruun dhaggane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba titimaani yaani Mariamufi Yusufufi daima gombo keesa rafisani argani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Hariifachaa yaa'anii Maariyaam, Yoseefii fi daa'ima gonboo keessa rafisan argan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan hennaa daddafanii dhaqan Maariyaamii fi Yooseefiin argan, Daa'imallee moonaa loonii keessa gongaa horiin okaya keessaa nyaatu keessatti argan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan daddafanii hennaa dhaqan Maariyaamii fi Yooseefiin argan, Daa'imallee moonaa Loonii keessa gongaa horiin okaya keessaa nyaatu keessatti argan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dadafaan deemanii Maariyaamii fi Yooseefiin ni argatan, daai'mnni'llee bakka itti nyaata hori'ii, gongaa keessa rafee arganiin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre isaan ariifatanee dhaqanee, Maariyaami'ii fi Yoseef, daa'imalle goongaa keessa irkateeruun dhaggane.