Luke 2:25 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa san namichi maqaan isaa Simoon jedhamu ka Yerusaalem keessa le'u tokko jira. Inni nama balchaa, ka jiruu ifii Waaqaaf kenneeru. Inni nama fayyinna Israa'ellii eeggatiisatti jiru; Ayyaanni Woyyichille isa irra jira.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nama tokoti jira ka Yerusalemu tau ka Simeoni jed'ani, inni nama d'ugaati Waaqa sodaate baafama Israeli eegata. Ammalle inni Lubbu Qulqullo qaba.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Bara sun nama tokkootti ka Simi'oon jedhan ka Yerusaalem taa'uu jira, innii nama qajeelaa Waaqaa sodaataa baafama Israa'el eegatu, ammllee innii Hafuura Qulqulloo qaba.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san namichi maqaan isaa Simoon jedhamu ka Yerusaalemiin keessa jiraatu tokkotu jira; Inni nama qajeela'a; ka jiruu ufii Rabbiif kenneeru. Inni nama fayyinna Israa'elii eeggatu ka Ayyaanni Woyyuun irra jiru ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa san namichi maqaan isaa Simoon jedhamu ka Yeruusaalemiin keessa jiraatu tokkotu jira. Inni nama qajeela'a, ka jiruu ufii Rabbiif kenneeru. Inni nama fayyinna Israa'elii eeggatu; ka Ayyaanni Woyyuun irra jiru ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo sanitti Yerusaalemitti Simoon ka jedhamu nama tokkotu jira ture, inni'llee jireenna isaa Waaqaaf ka kenne nama qulqullaayome ture, fayyinna abddii Israa'eelii'llee ni eeggata ture, Hafuurri Qulqulluun'llee isa irra ni jira ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa san namichi maqaan isaa Simoon jedhamu ka Yerusaalem keessa le'u tokko jira. Inni nama balchaa, ka jiruu ifii Waaqaaf kenneeru. Inni nama fayyinna Israa'elii eeggatiisatti jiru; Ayyaanni Woyyichille isa irra jira.