Luke 2:27 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maariyaamii fi Yoseef akka Seera Muuse'eetittii waan barbaachisu godhiisaaf daa'ima Yesuus gara Galma Waaqaa yennaa fidane, Ayyaanni akka Simoon gara Galma Waaqaa deemu itti hime.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Lubbuuni suni isati akheete jennaani inni Mana Waaqa olseene. Duuba abbaafi haati Yeso gurbaani olseennaani, aka isaa aada Seeri fed'u guutani,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Hafuurii qulqulloon geessee, Mana Waaqaa olseene. Maariyaamii fi Yoseef akka aadaa seeraa guutaniif Yesus daa'ima qabatanii manaan olduudan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ayyaanaan gara mana woyyu'uu dhaqe; Maariyaamii fi Yooseef akka Seera Muuse'eetitti waan isa barbaachisu isaa godhu'uuf hennaa daa'ima qabatanii gara mana woyyu'uu seenan,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ayyaanaan gara mana woyyu'uu dhaqe; Maariyaamii fi Yooseef akka Seera Muuse'eetitti waan isa barbaachisu isaa godhu'uuf, daa'ima qabatanii gara mana woyyu'uu hennaa seenan,
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Guyyaa san'llee Hafuurri Qulqulluun isa kakaaseeniiti gara Mana Waaqeffanna'aa ni dhaqe, Yooseefii fi Mariyaam'llee akkaataa seeraatiin waan baratame isaa raawwachu'uuf, daaima qabatanii gara Mana Waaqeffanna'aa yeroo aseenanitti,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maariyaamii fi Yoseef akka Seera Muuse'eetitti waan barbaachisu godhiisaaf daa'ima Yesuus gara Galma Waaqaa yennaa fidane, Ayyaanni akka Simoon gara Galma Waaqaa deemu itti hime.