Luke 2:34 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba Simoon isaan eebbisee, Maariyaami'iin, “Daa'inni kun Israa'el keessatti nama heddu'uuf sababa badi'ii, nama heddu'uufille sababa fayyinnaa akka te'uuf Waaqaan filatameera. Inni beessisa Waaqa biraa kenname, ka kolbaan hedduun mormitu te'ee,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Simeonini worra eebise waan haad'a isaa Mariamuni jed'e, Gurba kana ya fohatani aka nami hedduuni Israeli keesa jijige yokhaani kakau, ammalle aka akheekha waan nami hedduuni jibbu tahu,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Simi'oon warra eebbisee haadha isaa Maariyaam, “Mucaa kankee kana yaayyyuu foohatan, namii Israa'el keessaa hedduun isaan jiga, ka garii ammoo isaan ka'a; ammallee akka akeeka waan namii hedduun jibbuu ta'u,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa Simoon isaan eebbise Maariyaamiin, «Daa'imni kun Israa'eliin keessatti nama hedduuf sababa badi'ii, nama hedduuf ammo sababaa fayyinnaa akka ta'uuf muudameera. Kunillee worra isaan mormuuf malkata ta'a; yaanni dhossa'aa ka garaa namoota hedduu keessa jiru ifatti baya Gaddi akka guraadee qarameellee garaa kee woraana» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayessa Simoon isaan eebbise Maariyaamiin, «Daa'imni kun Israa'eliin keessatti nama hedduuf sababa badi'ii, nama hedduuf ammoo sababaa fayyinaa akka ta'uuf muudameera. Kunillee worra isaan mormuuf malkata ta'a; yaanni dhossa'aa ka garaa namoota hedduu keessa jiru ifatti baya Gaddi akka guraadee qaramellee garaa kee woraana» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Simoon'llee eega isaan eebbiseen duubatti keessummaanuu haadha daai'maa Maariyaamiin akkana ni jedheen, «Kunoo! Daai'mnni kun Israa'eeliin keessatti baayi'eewwaniif ka badiinissaa, baayi'eewwaniif garuu sababaa fayyinnaa ni ta'a. Inni'llee mallattoo baayi'eewwan ufitti hin fudhanne ni ta'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Simoon isaan eebbisee, Maariyaami'iin, «Daa'inni kun Israa'el keessatti nama heddu'uuf sababa badi'ii, nama heddu'uufille sababa fayyinnaa akka te'uuf Waaqaan filatameera. Inni beessisa Waaqa biraa kenname, ka kolbaan hedduun mormitu te'ee,