Luke 2:36 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Raagittiin Haannaa jedhantu, ta guddoo dulloonteertu takka, intalti Faanu'elii, ta gosa Aseerii achi jirti. Isiin heeruntee woggaa torba teetteen duuba, dhirsi isi'ii du'e.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jaarti toko jira ta raaga ta maqaani isi Anna. Isiini dubra Fanueli ka gosa Asheri. Annani d'iirsa isi woliini ganna torbaatama teete.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jaartii raagaa tokkootti ta dubra Faanu'el gosa Asher ta Annaa jedhan jira. Isiin haga fuudhanii dhiirsa isii waliin ganna torba teette,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Raattittiin Haannaa jedhamtu ta guddiftee jaarteertu, mucattiin Faanu'eelii, ta gosa Aseerii takka achi jirti. Isiin heerumtee woggaa torba haga jiraatteen maayessa abbaan manaa isi'ii du'e.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Raattittiin Haannaa jedhamtu, ta guddiftee jaarteertu, mucattiin Faanu'eelii, ta gosa Aseerii takka achi jirti. Isiin heerumtee woggaa torba haga jiraatteen maayessa, abbaan manaa isi'ii du'e.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kana yeroo sanitti gosa worra Aseeriitii ka taate, Intaltti Faanu'elii ta Haannaa ta jedhamttu, nabiyyittiin takka ni jirtti turtte. Isiin'llee dubarttii umriin ufi durana deemtte ni turtte, abbaa worraa isi'ii woliin woggaa torba eega teetteen duubatti, abbaan worraa isi'ii jaalaa ni du'e,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Raagittiin Haannaa jedhantu, ta guddoo dulloonteertu takka, intalti Faanu'elii, ta gosa Aseerii achi jirti. Isiin heerumtee woggaa torba teetteen duuba, dhirsi isi'ii du'e.