Luke 2:37 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Kanaan duuba woggaan isi'ii saddeettamii afuri haga geettu, isiin Galma Waaqaa keessa laamaa fi daadimataan halkanii fi guyyaa Waaqa tajaajilte.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
D'iirsi doonaani haga ganni isii saddeetami afuri gahuti teete; Mana Waaqa keesaa imbaatu, halkani guyya isiini Waaqa guddifte agabde Waaqa kad'atte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
dhiirsii isii irraa doonaan haga ganna saddeettamii afurii cufa haadha hiyyeessaa taatee teette; Mana Waaqaa keessaa hinbaatuu, halkanii guyyaallee isiin agabdee guddiftee Waaqaa kadhatte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa haadha hiyyeessaa taate. Haga woggaa saddeettamii afurii abbaa manaa malee teette. Isiin mana woyyuu keessatti soomaa fi Rabbiin kadhachu'uun halkanii fi guyyaa Rabbiin tajaajilte.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayessa haadha hiyyeessaa taate. Haga woggaa saddeettamii afurii abbaa manaa malee teette. Isiin mana woyyuu keessatti soomaa fi faateffanna'aan halkanii fi guyyaa Rabbiin tajaajilte.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
kanaan duubatti'llee umriin isi'ii woggaa saddeetamii afurii haga ta'utti, Mana Waaqeffanna'aatii uduu hin fooyamin halkanii fi guyyaa, soomaa fi kadhanna'aan Waaqa ni tajaajiltti turtte.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kanaan duuba woggaan isi'ii saddeettamii afuri haga geettu, isiin Galma Waaqaa keessa laamaa fi daadimataan halkanii fi guyyaa Waaqa tajaajilte.