Luke 2:39 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yoseefii fi Maariyaam waan Seerri Gootta'aa ajaju mara hujanee fixaneen duuba, gara qachaa ifii Naaziret, ka Galiilaa keessatti dhaggamuu deebi'ane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Seera Aabbo gula aada ch'ufa guutannaani kaani Galilayati dachaani, haga dira worra ka Nazareti jed'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yoseefii fi Maariyaam akka seera Aabboo gula waan aadaa ka hojjachuu malan cufa guutannaan, gara biyya Galiilaa dira warraa ka Naazireet jedhaniitti dacha'an.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yooseefii fi Maariyaam haga waan Seerri Goofta'aa ajaju mara godhanii fixaniin maayessa gara qachaa ufii gara Naazireetii ka Galiilaa keessatti argamuu deebi'an.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yooseefii fi Maariyaam waan Seerri Goofta'aa ajaju mara haga godhanii fixaniin maayessa, gara qachaa ufii gara Naazireetii, ka Galiilaa keessatti argamuu deebi'an.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Naamusa seera Goofta'aatiin ajajame maraa eega raawwataniin duubatti, bakka jireenna isaanii gara Naazireetii titti ni deebi'aan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yoseefii fi Maariyaam waan Seerri Gootta'aa ajaju mara hujanee fixaneen duuba, gara qachaa ifii Naaziret, ka Galiilaa keessatti dhaggamuu deebi'ane.