Luke 2:4 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yoseefille dhalootaan sanyii Daawwitii waan te'eef, qachaa Naaziretii ka Galiilaa keessatti dhaggamuu bayee, gara qachaa Daawwitii, ka biyya Yihuda'aa keessatti dhaggamuu Beeteleem dhaqe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yusufuleeni dira Nazareti ka Galilaya keesaa deeme, gara lafa Yahudi d'aqe, haga dira Daudi ka Bethlehemu jed'ani, waan inni d'aloota Dauditiifi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yoseefiilleen waan dhaloota Daawit ta'eef dira Naazireetii ka biyya Galiilaa keessaa ba'ee, lafa Yihudaa keessa, dira Daawiti ka Betlihem jedhaniin ba'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yooseef akkasuma dhalootaan fiixaa Daawitii waan ta'eef, qachaa Naazireeti ta Galiilaa keessatti argamtuu bayee gara qachaa Daawitii ta biyya Yihuudaa Beetaliheemiin dhaqe; inni galmaayu'uuf Maariyaamii qaadhima isaa ta ulfaa woliin achi ol baye.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yooseefillee akkasuma dhalootaan fiixaa Daawitii waan ta'eef, qachaa Naazireeti ta Galiilaa keessatti argamtu bayee gara qachaa Daawitii ta biyya Yihuudaa Beetaliheemiin dhaqe; inni galmaayu'uuf Maariyaamii qaadhima isaa ta ulfaa woliin achi ol baye.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yooseef'llee dhaloota isaatiin fiixaa Daawiitii waan tureef, magaalaa Naazireetii ta biyya Galiila'aa titti argamittuu ka'ee, gara magaalaa Daawiitii ta biyya Yihuda'aa titti argamittuu, gara Bethliheemii ni deeme.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yoseefille dhalootaan sanyii Daawitii waan te'eef, qachaa Naaziretii ka Galiilaa keessatti dhaggamuu bayee, gara qachaa Daawitii, ka biyya Yihuda'aa keessatti dhaggamuu Beeteelem dhaqe.