Luke 2:46 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Guyyaa sadiin duuba Galma Waaqaa keessatti barsiisota woliin tee'ee, isaan caqasaa gaaffiille isaan gaafatiisatti jiruun dhaggane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi guyya sadi Mana Waaqa keesati argani, ato inni jiddu qaalole tae ufile ch'aqase worrale wo gaafatu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Eegee bultii sadiin duuba, adoo innii jidduu qaallolee taa'ee ufiillee caqasee warraallee wa gaafatuu, Mana Waaqaa keessatti argan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guyyaa sadihiin maayessa mana woyyuu keessatti edduu barsiisotaa taa'ee isaan dhagaya'aa, hennaa inni gaafii isaan gaafatu argan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Guyyaa sadihiin maayessa mana woyyuu keessatti edduu barsiisotaa taa'ee isaan dhagaya'aa, hennaa inni gaafii isaan gaafatu argan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Guyyaa sadihiin duubatti'llee Mana Waaqeffanna'aa titti ni argataniin, achitti'llee hayyoota jidduu taa'ee isaan yoo dhageeffatuu fi gaafii'llee isaanii ni dhiyeessa ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaa sadiin duuba Galma Waaqaa keessatti barsiisota woliin tee'ee, isaan caqasaa gaaffiille isaan gaafatiisatti jiruun dhaggane.