Luke 2:51 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba Yesuus worra ifii woliin gara qachaa Naaziretii deebi'ee, worraafille ajajame. Haati isaa waan te'e san mara gadhaa ifiititti qabatte.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani inni worra woliini deebie, Nazaretiti gale, worra saalfate. Haati isaa dubbi suni ch'ufa garaa keesa keyatte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan innii warra waliin deebi'ee Naazireetitti galee, warraa ajajame. Haatii isaa ammoo dubbii sun cufa garaatti qabate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa inni worra ufii woliin gara qachaa Naazireetii deebi'ee worraafillee ajajame. Haati isaa waan kana maraa garaa ufii keessatti eega'aa turte.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayessa inni worra ufii woliin gara qachaa Naazireetii deebi'ee, worraafillee ajajame. Haati isaa waan kana maraa garaa ufii keessatti eega'aa turte.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti'llee Yesus isaan woliin gara Naazireetii ni deeme, isaanii'llee ni ajajama ture, haati'llee waan kana maraa onnee isi'ii titti, ni qabatti ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Yesuus worra ifii woliin gara qachaa Naaziretii deebi'ee, worraafille ajajame. Haati isaa waan te'e san mara gadhaa ifiititti qabatte.