Luke 2:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isiin ilma angaficha deettee, mana keessumma'aa keessaa addee buli'ii waan dhabaneef, annuu hoccu'uun martee goongaa keessa irkitte.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isiini ilma angafa deete, woya daimati uyifte, waan mana keessuma keesaa fulla d'abaniifi, gombo keesa rafifte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isiin ilma angafa deettee, waan mana keessummaa keessaa fulaa dhabaniif wayaa itti uyyiftee gonboo keessa rafifte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achitti ilma hangafaa deette; mana keessumma'aa keessatti huleen bulan waan hin jirreef daa'ima uffataan martee gongaa keessa raffifte.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achitti ilma hangafaa deette; mana keessuma'aa keessatti huleen bulan waan hin jirreef, daa'ima uffataan martee gongaa keessa raffifte.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Achitti'llee ilma isi'ii ka hangafaa ni deette, subbee ammataatiin'llee ni martteen, bakka bulttii keessummootaa'llee waan hin argatiniif, moonaa hori'ii bakka horiin itti nyaatan gongaa keessa, ni rafifitteen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isiin ilma angaficha deettee, mana keessumma'aa keessaa addee buli'ii waan dhabaneef, annuu hoccu'uun martee goongaa keessa irkitte.