Luke 20:1 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Gaafa tokko Yesuus Galma Waaqaa keessatti kolbaa barsiisiisaa fi Oduu Gammadaa lallabiisatti adoo jiruu, moototi hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muse'ee, maanguddoota woliin gara isaa dhufanee,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafa toko, ato Yesoni nama barsiise Odu Dansa Mana Waaqa keesati odeesu, qaalole gugurdofi jari Seera beekhu jaarole woliini isati d'ufani
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gaafa tokkoo, adoo Yesus Mana Waaqaa keessatti oduu dansaa haasa'ee nama barsiisuu jiruu, qaallolee gugurdoo fi jarii seera beeku maanguddoota biyyaa waliin isaatti dhufee,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guyyaa tokko Yesuus gumii mana woyyuu keessatti barsiisa'aa, Dubbii Nagayaa uduu lallabu bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee manguddoota woliin gara isaa dhufanii,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Guyyaa tokko Yesuus gumii mana woyyuu keessatti barsiisa'aa, Oduu Nagayaa uduu lallabu bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee manguddoota woliin gara isaa dhufanii,
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Guyyaa tokko Yesus Mana Waaqeffanna'aa titti argamee, ummata ni barsiisaa fi wongeela'llee ni lallaba yeroo turetti, itti gaafatamoonni qeesotaatii fi barsiisonni seeraa, jaarsotiin'llee gara isaa ni dhufan,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gaafa tokko Yesuus Galma Waaqaa keessatti kolbaa barsiisiisaa fi Oduu Gammadaa lallabiisatti adoo jiruu, sooreyyiin hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee, maanguddoota woliin gara isaa dhufanee,