Luke 20:11 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre inni garbicha dhibii itti erge; isaan isalle dhaananee salphisanee harka duwwaa ari'ane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni garbicha d'ibile erge jennaani isale d'aanani ch'eersani harka duwa galchani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii hojjataa dhibiillee ergee jennaan isaallee dhananii ceersanii harka duwwaa galchan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni ammallee deebi'ee hojjataa biraa erge; isaan isallee harka qullaa ari'an.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Inni ammallee deebi'ee hojjataa biraa erge, isaan isallee harka qullaa ari'an.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kanaan tajaajilaa bira'aa'llee yoo ergu isaa'llee ni dhaananiin, salphisaniinii'llee harka duwwaa ni deebisaniin,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre inni garbicha dhibii itti erge; isaan isalle dhaananee salphisanee harka duwwaa ari'ane.