Luke 20:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Qottee bultooti ammoo yennaa isa dhaggane, ‘Kun ka dhaalu; akka dhaalli nu'uuf te'u, kowaa isa ijjeennaa!’ jedhanee mari'atane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo hojattuuni taani isa arginaani wolmariatte waan jette, Kunini ilma d'aalu, koota, inijeemna, aka d'aalti teenna taatu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Hojjattootii taan ammoo isa arginaan, ‘Kunin ilma dhaaluu, koottaa, inijjeemnaa, akka dhaalti teenna taatu’ jettee walmari'atte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Qonnaan bultoonni ammo hennaa isa argan akkana jedhanii mari'atan, ‹Ka dhaalu kana waan ta'eef dhaalli ristii kanaa akka keenna ta'u koottaa haa ajjeefnuu!› jedhan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Qonnaan bultooni ammoo hennaa isa argan, akkana jedhanii mari'atan, ‹Ka dhaalu kana waan ta'eef dhaalli ristii kanaa akka keenna ta'u koottaa haa ajjeefnuu!› jedhan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu qotee bulttoonni yeroo isa arganitti ufii isaaniitii akkana woliin jedhan, ‹kun dhaalaa isaati, kootaa isa haa ajjeefinnuu! Qabiyyeen isaa'llee nu'uuf ni ta'a!›
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qonnaan bultooti ammoo yennaa isa dhaggane, ‹Kun ka dhaalu; akka dhaalli nu'uuf te'u, kowaa isa ijjeennaa!› jedhanee mari'atane.